| shirt shamiizii | sweater shurraaba | jacket jaakeetii | coat kootii |
| socks kaalsii | shoes qophee | trousers surree | pajamas pajaamaa |
| belt sabbata | underwear uffata dhaqnattaanu | hat barmeexaa | skirt qamisii |
Wednesday, April 30, 2014
Afaan Oromo Vocabulary
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
English - Afaan Oromo Dictionary
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
a little n. - guurtoo-ni
a lot n. - gurmuu-ni
a while ago n. - qaataa-ni
aardvark n. - olokee-ni; awwaaldiduu-ni
aardwolf n. - goolloo-ni
abandon v. - dida-didda; iraa gora; shaara-rta (Amh.); lakkisa-kifta; onsa-sita
abscess n. -dullaa
abdomen n. - huffaa-ni
abide v. - qubadha-batta
ability n.- qarumaa-ni
able (adj.) - mooti
able, be v. - dandaha-deeta
abode n .- ciisaa-i
abortion n. - salleesa-i
and - - fi (suffix between two nouns)
above (prep.) - gararroo; gubbaa; irra; ola-olitti
above, be v. - olaana-nta Afaan Oromo - House, School, Feelings and Food
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
House
This page will teach you house vocabulary in Oromo and English.| English | Oromo |
|---|---|
| house | mana |
| table | limmata |
| chair | barcuma |
| oven | eelee |
| refrigerator | qaabaneeysituu |
| television | televijina |
| couch, sofa | siree |
| bed | siree |
| lamp | faanusa |
| door | balbala |
| roof | mana gubbaa |
| carpet | afata |
| telephone | silkee, telefoona |
| microwave | maaykirooweev |
| bedroom | mana hirriibaa |
| living room | mana saaloonaa |
| dining room | mana nyaataa |
| kitchen | alawaadaa |
Afaan Oromo - Clothing, Transportation and Places
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Clothing
This page will teach you clothing vocabulary in Oromo and English.| English | Oromo |
|---|---|
| clothing | uffata |
| shirt | shamiiza |
| pants | kofoo, butaantaa |
| skirt | kurtaa |
| dress | waalluu |
| shoe | kophee |
| man’s jacket | jaakkeeta |
| woman’s jacket | xubbuqqoo |
| coat | koota |
| necklace | callee mormaa |
| ring | hamartii |
| earring | waan gurraa |
Afaan Oromo - Animals, Plants and Body Parts
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Animals
This page will teach you the names of animals in Oromo and English.| English | Oromo |
|---|---|
| buffalo | gafarsa |
| camel | gaala |
| cheetah | qeerreensa |
| chimpanzee | jaaldeessa |
| elephant | arbaa |
| giraffe | qaccine |
| lion | leenca |
| rhino | karkaarro |
| tiger | qeereensa |
| turtle | qocaa |
| zebra | harreddiidoo |
| bird | shimbiirroo |
| duck | dakiiyyee |
| eagle | haarraageessaa |
| feather | baallii |
| ostrich | guuchii |
| owl | uruungguu |
| pelican | aallaattii |
| pigeon | waannee |
| cow | sa'aa |
| cat | bashoo |
| chicken | luquu |
| dog | saree |
| donkey | harree |
| goat | re'ee |
| horse | faarda |
| sheep | hoolaa |
| pig | booyee |
| rooster | kormaa |
| calf | jaabi |
| ant | tuchee |
| bee | kaanniissa |
| grasshopper | korophiissa |
| butterfly | biillaacha |
Afan oromo - Family, Numbers and Math
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Family
This page will teach you the names of family members in Oromo and English.
| English | Oromo |
|---|---|
| mother | haadha |
| father | aabba |
| sister | obboleeytii |
| brother | obboleessa |
| uncle (father's brother) | adeera |
| uncle (mother's brother) | eessuma |
| aunt (father's sister) | adaadaa |
| aunt (mother's sister) | haboo |
| grandmother | akkoo, akkawoo |
| grandfather | akaakoo, abaa gudaa |
| niece | dubrii, abuya |
| nephew | ilma obboleeysa,ilma oboleytii, abuya |
| cousin | dubrii, ilmaan, wasillanii, ilma adeeraa, ilma eeysumaa, ilma haboo, ilma adaadaa |
| brother-in-law | wassoo, wasiila |
| sister-in-law | dumaashii, sayyuu |
| mother-in-law | jaartii soddaa |
| father-in-law | jaarsa soddaa |
| stepmother | aayyadaa |
| stepfather | abbadaa |
| stepchild | ilmoo niitii yoking jaarsa ifii |
Afaan oromo - Greeting, Colors and weather
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Greetings
This page will teach you greetings in Oromo and English.| English | Oromo |
|---|---|
| Good morning | Akkam bultee? |
| Good afternoon | Akkam oolte? |
| Good night | Nagayattii buli! |
| Goodbye! | Nagayattii! |
| Thank you! | Galatoomi! |
| You're welcome | Fayyaa dayi! |
Colors
This page will teach you the names of colors in Oromo and English.Afaan Oromo - Chapter 11: Comparatives and Superlatives
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Sports Conversation (haasaa waa'ee ispoortii)
Guutaa: Kubbaa kaachoo moo kubbaa miillaa ilaaluu caalaa siif wayya?
play
Boonaa: Kubbaa miillaa caalaa kubbaa kaachoo nan jaaladha. Kam sii wayya?
play
Guutaa: Anis kubbaa miillaa caalaan jaaladha. Cheelsii moo Maanchister caalaa jaalatta?
play
Boonaa: Ani akka Maanchister Cheelsii irra caalaa taphaatun yaada. Ati maal yaadda?
play
Guutaa: Akka yaada kootti Cheelsiin akkuma Maanchister gaarii dha. Lamaanuun jaaladha.
play
Boonaa: Haa ta'u malee, Bilaakbarn hunda irra dansaa fakkaata.
play
Guutaa: Ati ni qoosta.
play
Boonaa: Eeyyee dhugaadhaa. Bilaakbarn baay'ee gadhee dha.
play
Afaan Oromo - Chapter 10: Prepositions and Conjunctions
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Giving Directions (Karaa Agarsiisuu)
[Adapted from Geetaachoo (2011), pg. 52-53]
Play all
Meetii: Akkami Kadir?
play
Kadir: Fayyaa dha. Akkam jirta?
play
Meetii: Homaa hin jedhu. Bor waaree booda hojii qabda?
play
Kadir: Lakki, maaliif?
play
Meetii: Gaarii dha. Laaqana mana kootti si affeeruun barbaade.
play
Kadir: Dhufuuf baay'een gammada, garuu iddoo mana kee isa haaraa hin beeku.
play
Meetii: Buufata konkolaataa kan cinaa mana bilbilaatti beekta?
play
Kadir: Eeyyee, nan beeka.
play
Meetii: Taaksii Lagahaaritti qabadhu fi bakka buufata konkolaalaatti bu'i.
play
Kadir: Tole.
play
Meetii: Sana booda, gara mirga gori hanga qaxxaamura karaa geessutti karumarra deemi.
play
Kadir: Naaf gale.
play
Meetii: Gara fuuldura qaxxaamura karaatti hanga daqiiqaa shaniif deemi. Messalemiyaan karaa mirgaa jira.
play
Kadir: Gara mirgaa jette?
play
Meetii: Eeyyee. Sirrii dha. Achitti sa'aatii kudha tokko fi walakkaatti wal agarra.
play
Kadir: Tole. Kun gaarii dha. Wal agarra. Nagaatti.
play
Meetii: Nagaatti.
play
Meetii: Akkami Kadir?
Kadir: Fayyaa dha. Akkam jirta?
Meetii: Homaa hin jedhu. Bor waaree booda hojii qabda?
Kadir: Lakki, maaliif?
Meetii: Gaarii dha. Laaqana mana kootti si affeeruun barbaade.
Kadir: Dhufuuf baay'een gammada, garuu iddoo mana kee isa haaraa hin beeku.
Meetii: Buufata konkolaataa kan cinaa mana bilbilaatti beekta?
Kadir: Eeyyee, nan beeka.
Meetii: Taaksii Lagahaaritti qabadhu fi bakka buufata konkolaalaatti bu'i.
Kadir: Tole.
Meetii: Sana booda, gara mirga gori hanga qaxxaamura karaa geessutti karumarra deemi.
Kadir: Naaf gale.
Meetii: Gara fuuldura qaxxaamura karaatti hanga daqiiqaa shaniif deemi. Messalemiyaan karaa mirgaa jira.
Kadir: Gara mirgaa jette?
Meetii: Eeyyee. Sirrii dha. Achitti sa'aatii kudha tokko fi walakkaatti wal agarra.
Kadir: Tole. Kun gaarii dha. Wal agarra. Nagaatti.
Meetii: Nagaatti.
Afaan Oromo - Chapter 9: Jussive
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Narrative
Better Health Begins with You!(Fayyaan gaariin si irraa jalqaba!)
play Guyyuma guyyaatti daabboo waan dhadhaa hedddu hin qabne; akayi, ruzza yookin paasta dhiheessaa jaha hanga kudha tokko nyaadhu. Fakkeenyaaf, ganama matajaboo, guyya sandwich galgala immoo ruzza duwwa nyaadhu.
play Ija mukkatti fi kuduraa dhiheessaa shan nyaadhu. Fakkenyaaf, cuunfaa birtukaanii dhugi, salaaxaa nyaadhu, galgala immoo dinnichaa affeelama fi ija wayinii nyaadhu.
play Guyyaatti yoo xinnaate bishaan burcuqqo saddeet dhuuggi.
play Foon diimaa kan baay'ee cooma hin qabne isaa akaa hanqaaqoo yookiin qurxummii nyaadhu.
play Waan sa'a kan dhadhaa yartuu qabu kan akka aanaan raafamaa fi itittuu filadhu.
play Nyaata waan mi'aawaa fi dhugaatii alkoolii hin baay'isiin.
play Guyyaa hunda sosocho'a godhi. Dirree keessa adeemi, yookiin sirba bu'i, taphadhu.
play Nyaata kolestrol hin qabne fi, zayitii waan sa'a fi kan cooma horii irra hojjatamu mana zayitii kuduraa filadhu.
Afaan Oromo - Chapter 8: Adverbs
Unknown | Wednesday, April 30, 2014
Adverbs may modify the manner of an action (e.g., “he talks loudly”), indicate the time of action (“I will go to Addis tomorrow”), give location (“my house is far from here”), or indicate degree (“I like it a lot”).
Bus Station Conversation
Imalaa: Sa'aatiin meeqa?
Gargaaraa: Sa'aatii lama fi walakaa.
Imalaa: Sa'aatii meeqatti otobisii gara Jimma deema?
Gargaaraa: Sa'aatii afuritti deema.
Imalaa: Amma otobisiichi asi jira?
Gargaaraa: Lakki. Amma asi hin deemu. Ganama asitti argama.
Imalaa: Hammam dheerata Jimma ga'uf?
Gargaaraa: Asirra sa'atti sadii fudhata.
Imalaa: Kan biraa isaa dura kan deemu jira?
Gargaaraa: Kan dursu amma hin jiru. Baasiin Jimma sa'atti kudha lama, sa'atti afur, fi sa'atti saddeetitti.
Imalaa: Tole. Galatomi.
Gargaaraa: Homaa miti.